Ayyaana hundeffama ODP waggaa 29ffaan fi waggaa 1ffaa imala jijiiramaa hiriira deegarsaan goolabuuf kurfiin xumurameera

0
55

Sadarkaa biyyaalessaattiis ta’ee akka Bulchiinsa Dirree Dhawaatti waggaa 29ffaa Guyyaa Ayyaana hundeffama ODP fi waggaa 1ffaa imala jijiiramaa “Ilaa fi Ilaameen Milkaa”ina Egereetiif!” dhaadannoo jedhuun kurfiiwan gara garaan sadarkaa adda addaatti kabajamaa jiru hiriira deegarsaan goolabuuf kurfiin xumuramuu Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala , Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar Ayyaana hundeffama ODP waggaa 29ffaan fi waggaa 1ffaa imala jijiiramaa hiriira deegarsaan goolabuuf kurfiin xumuramee jiraachuu ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin addeesaniiru

Obbo Kadiir akka jedhanitti sagantaan Ayyaana hundeffama ODP waggaa 29ffaan fi waggaa 1ffaa imala jijiiramaa kan kurfiiwan hojii misoomaa kan akka manneen maatii harka qalleeyyii suphuudhaan , duula qulqulina magaalaa raawachuunii fi akkasumaas sadarkaa gara garaatti marii paanaaliin kan kabajamaa ture Sabtii nu fuul duraa ykn Bitootessaa 28-bara 2011 tti hiriira deegarsaa geggeessuudhaan goolabuuf kurfiin xumuramuu eeranii hiriira deegarsaa kana irrattiis miseensotaa fi deegartoota ODP qofa osoonii fi hin ta’in jiraatonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa gamtaan bahanii akka hirmaachuudhaa fi imala jijiiramaa kan akka Biyyaalessaatti jalqabame fuulduratti ceesisuuf ammaas tokkummaa fi kutannoon akka mul’isan Obbo Kadiir Juhaar waamicha dabarsaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here